Galaatiyaa 3:18-26 Waaqayyo Kiristoosiin akka ergu Abrahaamiif waadaa gale. Waggaa 400 boodas Waaqayyo saba Israa’eliif seera kenne. ( Galaatiyaa 3:16-18 )

Israa’eloonni cubbuu hojjechuu isaanii yeroo itti fufan, Waaqayyo cubbuu isaanii akka beekan seera isaaniif kenne. Dhumarratti seerri cubbuu keenya nu amansiisee gara Kiristoos isa cubbuu keenya nuuf furetti nu geessa. (Galaatiyaa 3:19-25)